Piyeer Kurii

Piyeer Kurii

Piyeer Kurii (Caamsaa 15 1859 - Ebla 19 1906) fiizisistii lammii Firaansi yoo ta'u qorannoo kiristaalaa (crystallography), maagineetii, pi'eezzoo'elektirisiitii fi raadiyoo'aktiiviitii irratti geggeesseen beekkama. Piyeer Kuriin bara 1903tti Badhaasa Noobelii kan Fiiziksii haadhaa manaasaa Meerii Kurii, fi Henri Becquerel waajjin "yaadannoo tajaajila olaana isaan qorannoo wal faana raadiyeeshinii Pirofeesar Henri Becquerel argate irratti godhaniin kennaniif beekkamtii kennuuf" argate.

Jireenya Ijoollummaasaa

Piyeer kurii Paarisitti Caamsaa 15 1859 dhalate; abbaan Piyeer Eugene kurii (28 Hagayya 1827 – 25 Amajjii 1910) yoo ta'u haati isaa ammoo Sophie-Claire Depouilly Kurii (15 January 1832 – 27 September 1897) ti. Abbaansaa Piyeer mana keessatti isa barsiise, Piyeer yeroo umuriinsaa mana kudhanii keessaa seenu dandeettii herregaa fi ji'oomeetirii guddaa agarsiise. Umurii 16tti, digirii herregaa fudhate. Yeroo umuriinsaa 18, Piyeer barnoota digirii olaanaan qixxaatu fixe, garuu sababa mallaqa dhabuutin battalumaan doktireetii itti hin fufne. Sana dhiisee barsiisaa laabiraatorii ta'ee hojjachuu jalqabe.

Bara 1880, Piyeerii fi obboleessi isaa angafni Jaak (1856 - 1941) yeroo kiristaalli cafaqamu garaagarummaan elektirikii (electric potential) akka uummau argatani; kunis pi'eezzo'elektirisiitii jedhama. Hojii kanarratti itti fayyadamuuf, Piezoelectric Quartz Electrometer kalaqan. Yeroo gabaabaa booda, amala faallaa kanaa ta'ee agarsiisan: kiristaalonni yeroo fiildii elektiriikitti saaxilaman bocni isaanii akka jijjiiramu. Yeroo ammaa elektirooniik sarkiyuutin dijitaalaa hundi kanarratti kan hundaa'an yoo ta'u kunis kiristaal osileeterii (crystal oscillators) dha.

Piyeer Kurii Meerii Kurii (duraan Maariyaa Sklodowska jedhamti) karaa hiriyaasaa tokkootin wal bare. Wanti Piyeer Meerii akka jaalatu godhe tokko ishiin akka dubartoota kaanii miti - garaa guutuun saayinsii jaalatti. Yeroo inni fuudhaaf ishii gaafatu, ishiinis oduma isa jaalattuuyyuu, hin didde. Dhumarratti Adooleessa 26 1895tti gaaffii gaa'ilaa kana fudhatee.

Other Languages
Afrikaans: Pierre Curie
aragonés: Pierre Curie
العربية: بيار كوري
asturianu: Pierre Curie
azərbaycanca: Pyer Küri
تۆرکجه: پی یر کوری
беларуская: П’ер Кюры
беларуская (тарашкевіца)‎: П’ер Кюры
български: Пиер Кюри
bosanski: Pierre Curie
català: Pierre Curie
کوردی: پیەر کوری
čeština: Pierre Curie
Deutsch: Pierre Curie
Ελληνικά: Πιερ Κιουρί
English: Pierre Curie
Esperanto: Pierre Curie
español: Pierre Curie
euskara: Pierre Curie
فارسی: پیر کوری
français: Pierre Curie
Gàidhlig: Pierre Curie
galego: Pierre Curie
עברית: פייר קירי
hrvatski: Pierre Curie
Kreyòl ayisyen: Pierre Curie
magyar: Pierre Curie
Հայերեն: Պիեռ Կյուրի
Bahasa Indonesia: Pierre Curie
Ilokano: Pierre Curie
íslenska: Pierre Curie
italiano: Pierre Curie
Basa Jawa: Pierre Curie
ქართული: პიერ კიური
Kabɩyɛ: Pierre Curie
қазақша: Пьер Кюри
ភាសាខ្មែរ: ព្យែរ គុយរី
한국어: 피에르 퀴리
kurdî: Pierre Curie
Latina: Petrus Curie
Lëtzebuergesch: Pierre Curie
lietuvių: Pierre Curie
latviešu: Pjērs Kirī
Malagasy: Pierre Curie
македонски: Пјер Кири
Bahasa Melayu: Pierre Curie
မြန်မာဘာသာ: ပယ်ရီကျူရီ
नेपाल भाषा: पिएरे क्युरी
Nederlands: Pierre Curie
norsk nynorsk: Pierre Curie
occitan: Pierre Curie
Picard: Pierre Curie
polski: Pierre Curie
Piemontèis: Pierre Curie
پنجابی: پیری کیوری
português: Pierre Curie
română: Pierre Curie
armãneashti: Pierre Curie
русский: Кюри, Пьер
संस्कृतम्: पिएरे क्युरी
sicilianu: Pierre Curie
srpskohrvatski / српскохрватски: Pierre Curie
Simple English: Pierre Curie
slovenčina: Pierre Curie
slovenščina: Pierre Curie
српски / srpski: Пјер Кири
svenska: Pierre Curie
Kiswahili: Pierre Curie
Tagalog: Pierre Curie
Türkçe: Pierre Curie
українська: П'єр Кюрі
oʻzbekcha/ўзбекча: Pierre Curie
Tiếng Việt: Pierre Curie
Winaray: Pierre Curie
მარგალური: პიერ კიური
Yorùbá: Pierre Curie
文言: 皮耶居禮
粵語: 居里